Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Itiyoophiyaa fi Somaaliilaand gidduutti mallatteeffame misooma dinagdee sadarkaa Ardiif fakkeenya gaariidha-Laawuransi Firiimaan

Finfinnee, Mudde 25, 2016 (FBC)- Waliigalteen Itiyoophiyaafi Somaaliilaandi gidduutti mallatteeffame misooma diinagdee Ardittiif fakkeenya gaariidha jedhan Xiinxalaan Dhimmoota Siyaasaafi Dinagdee Afriikaa Laawuransi Firiimaan.

Laawuransi Firiimaan, waliigaltichi guddina misooma Ardii Afriikaaf fakkeenyummaa gaarii ta’uu dubbataniiru.

Tumsa waloo hawaas-dinagdeefi siyaasaa akkasumas Raayyaa Ittisaa biyyoota lameeniif faayidaa olaanaa qabaachuu himaniiru.

Itiyoophiyaan Ardittiitti uummata hedduu qabaattee barootaaf karra Galaanaa dhabuun miidhaa olaanaa ta’uu eeranii, waliigalteen taasifames faayidaa waloo mirkaneessuu fi carraa misoomaa bal’aa kan uumu ta’uu akeekaniiru.

Waliigaltichi Afriikaarra darbee Addunyaafis bu’aa qabaachuu himan.
Qabeenya uumamaa Afriikaan qabdu walta’iinsaa fi tumsaan misoomsuun guddina Ardiittiif murteessaa ta’uu Laawuransi Firiimaan dubbataniiru.

Waliigaltichi hariiroo daldalaa fi invastimantii Afriikaa fi Idil Addunyaa cimsuun Itiyoophiyaas daran akka fayyadu eeruu TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaan biyya qabeenya dinagdee fi uummata hedduu qabdu waan taateefis karra galaanaa argachuun ishee humna guddaa akka ta’uuf ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.