Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti waliigalteen tumsa hunda galeessaa mallattaa’e – TKM

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Somaaliilaandi gidduutti waliigalteen tumsa hunda galeessaa mallattaa’uu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Waliigaltichi tumsa damee Hawaasummaa, Diinagdee, Siyaasaa fi waraanaa bal’inaan kan hammate ta’uu ibseera.

Somaaliilaandiin Koloonii Ingiliz jala kan turte yoo ta’uu, bara Faranjootaa 1960 bilisummaa ishee argaterti.

Yeroosanaatti biyyoonni hedduun beekkamtii kan hin kennineef ta’uun kan yaadatamuudha.

Yaa ta’uutti bara sana guyyaa shan booda gita bittaa Xaaliyaanii jala kan turtee Mooqadishoo waliin heyyamaa isheen walitti makamtee turte.

Bara Faranjoota 1991 bilisummaa ishee labsitee filannoo gaggeessuun Mootummaa ishee hundeeffattee waggoottaan 30’f Diimookiraasii gabbiffacha jirti.

Itiyoophiyaa dabalatee Biyyoonni tokko tokko Haargessaatti Waajjira Qoonsilaa banachuun socho’aa jiru.

Haa ta’uutti hanga ammatti beekkamtii guutuu hin arganne.

Kun akkuma jirutti ta’ee biyyooota tokko tokko waliin waliigaltee tajaajila buufataa fi Misoomaa mallatteessiterti.

Kana dura Barbaraarratti Itiyoophiyaan %19 qooda akka qabaattu eeyyamuun sanadni waliigaltee mallatta’ee ture.

Yeroo amma biyyoonni biroos adeemsa walfakkaatu hordofaa jiraachuun ni yaadatama.

Kun wayita ta’uu komiis ta’ee muffannaa mul’ate hin turre.

Itiyoophiyaan qajeelfama kennanii fudhachuun karra galaanaa argachuuf sanada waliigaltee mallattesssuunis sanuma.

Itiyoophiyaa fi Somaaliilaand gidduutti waliigalteen tumsaa yeroo dheeraaf tureera.

Waliigalteen kun michummaa biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu, gaaffii seenaa qabeessa kan deebisu, bal’aa, ifaa fi tumsa tarsiimawaa ijaaruuf kan dandeessiu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen himeera.

Rakkoo qabnu furuuf waloon hojjechuu, qabeenya qabnu waloon misoomsuu fi wal tumsaa guddachuuf mula’ata qabnu hojiitti hiikuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa haala amansiisaan eeguu fi tarkaanfachiisuuf carraa kan uumu akka ta’es tajaajilichi ibseera.

Somaaliilaandi waliin dhimmoota faayidaa waloorratti bilchinaa fi tasgabbiin mariin baatiwwaniif gaggeeffamaa turuu himeera.

Haaluma kanaan sanandi fayyadamummaa waloo mirkaneessu mallattaa’uu ibsa isaan eereera.

Waliigalteen kunis galoo galaana Edaniin Itiyoophiyaan Tajaajila Mariitaayimii Humna Galaanaa amansiisaa Liiziin argachuuf carraa kan uume, Somaaliilaandi Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaarra liiziin qooda akka qabaattu kan dandeessisu ta’uu himeera.

Qabeenyi naannawichaa hundaaf ga’aadha.

Sodaanis ta’ee hammeenya tumsa dhorkuudhaan boru ummataatti gufuu ta’uun ala wanti gaariin argamu kan hin jirree ta’uu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.