Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa hundi Dhimma Karra Galaanaarratti gahee isaanii bahaachuu qabu-Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa hundi garaagartee ilaalcha siyaasaa keessa bahuun dhimma Karra Galaanaarratti gumaacharraa eegamuu bahaachuu akka qaban Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan dubbbataniiru.

Hoggnatoonnii fi Ogeeyyiin Ministeericha fi dhaabbiilee waamamtoota Itiyoophiyaan waliigaltee karra galaanaa argachuuf mallateessite sababeffachuun gammachuu isaanii ibsataniiru.

Ityoophiyaan seenaa ishee keessatti karra galaanaa fayyadamuun walitti hidhamiinsa gabaa hawaasa Idil Addunyaa waliin hariiroo kan qabdu ta’uu Dooktar Injinar Hamtaamuun saganticharratti argamuun haasawa taasiisaniin ibsaniiru.

Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa hundi garaagartee ilaalcha siyaasaa keessaa bahuun gahee irraa eegamu bahachuu akka qaban dubbachuu isaanii ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.