Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin qaamaa hawaasa biyyaalessaa gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Sosochiin qaamaa hawaasa biyyaalessaa 3ffaan magaaloota naannoleetti gaggeeffame.

‘Sosochii sa’aatii tokkoo ga’umsa qaamaa miiliyoonootaaf’ mata duree jedhuun sagantaan sosochii qaamaa hariiroo hawaasummaa cimsuuf kaayyeeffate gaggeeffameera.

Sosochii qaamaa sa’aatii tokkoof gaggeeffame kanarratti kutaaleen hawaasaa miiliyoonaan lakkaawwaman argamuu ibsameera.

Sosochiin hawaasa hundaa kun aadaa sosochii qaamaa babal’isuun hawaasa ga’umsa qaamaa fi hariiroo gaarii qabu horachuuf qooda qabaachuu ibsameera.

Sosochiin kun Naannoo Oromiyaa magaaloota garaagaraa, naannoo Hararii fi naannolee biroottis gaggeeffameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.