Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota alaatti “Waamicha Imala Gara Biyyaa”f sochiin eegalame

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraataaniif waamicha imala gara biyyaa taasifameef sochiin eegalamuun ibsame.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyya alaa jiraataniif waamicha dhyeessuun isaanii ni yaadatama.

Waamicha taasifame hordofees, Itiyoophiyaanonni gara biyyaa akka dhufaniif misiyoononni Itiyoophiyaa bakka bu’an, Ministeerri Dhimma Alaa fi Tajaajila Diyaaspooraa waliin ta’uun sochii qabatamaa taasisaa jiraachuun eerameera.

Noodirikitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Mihirata’aab Mulugeetaa FBC’f akka ibsanitti, waamichicharratti Itiyoophiyaanonni bal’inaan akka hirmaatanii fi odeeffannoo barbaachisaa akka argataniif hojjetamaa jira.

Itiyoophiyaanonni gara biyya irraa dhufanitti deebi’an waan argaan kanneen biroof ragaa akka bahan Ambaasaaddara biyya isaanii ta’uun, seenaa, aadaa, qabeenyaa biyya isaanii akka beeksisanii fi maqaa gaarii isaanii kan ijaaran akka ta’u kaasaniiru.

Akkasumaas Itiyoophiyaanonni biyya jiraatanitti dameewwan ogummaa gargaraarratti kan bobba’an waan ta’eef sochii misooma biyya isaanii keessattii ashaaraa isaanii akka kaa’aan carraa kan uumu ta’uus ibsaniiru.

Dabalataan, ijaarsa pirojektoota garaagaraa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin misoomaa jiran bakkeewwan hawata tuuriizimii akka daawwatanii fi damicha keessatti kaka’umsa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Fuuldurattis, sosochiiwwan eegalaman bu’aa qabeessa akka ta’an odeeffannoowwan dabarsuu, galmee imaltootaa fi hojiin hordoffii kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.