Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantiin Somaalii Laandi Misooma Ikkoo Tuurizimii Wancii daawwatan

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Somaalii Laandi Musee Bihi Biinii Abdii hojiilee misooma ikkoo tuuriizimii Wancii fi Dandii hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannicharratti, Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Ministira Muummee Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay, Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastera Magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu dabalatee keessummoonni biroon argamaniiru.

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen damee misoomaa tuuriizimiirratti hojiilee xiyyeeffanaan hojjetamaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan biyya qabeenya uumamaa dilbii qabdu taatus qabeenya jiru misoomsuu dhabuun biyyattiin damee kanarraa faayidaa argachuu qabdu argachaa kan hinjirre ta’uu eeraniiru.

Xiyyeeffannaa damee turiizimiif kennamee hojjetamaa jiruun bakkeewwan hawwata tuuriizimii misoomaa jiraachuu eeruun, damee dippiloomaasiinis hariiroo biyyootaa cimsuu keessattti damichi gaheen olaanaa kan qabu ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.