Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti Garbuu Biiraarraa omishamaa jirurraa kuntaalli miiliyoona 3 ol ni abdatama jedhame

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Arsii Lixaatti Garbuu Biiraa lafa heektaara kuma 90 irratti omishamaa jirurraa callaa kuntaalli miiliyoonni 3 ol kan abdatamu ta’uun ibsame.

Jilli Hoji Gaggeessaan Olaanaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwaan Indastirii Obbo Akiliiluu Taaddasaan durfamu, Godina Arsii Lixaatti Warshaa Oomisha Biqila Biiraa Paarkii Indaastirii Boolee Lammii Waliin Oomisha Garbuu Biiraa misoomaa jiru daawwateera.

Sanyiin filatamaa Garbuu Biiraa biyya alaatii galfamuun ooyiruu qonnaan bultootaarratti oomishamaa jiraachuun ibsamerra.

Godinichatti hirmaannaa qonnaan bultootaan Garbuu biiraaf ooluu lafa heekataara kuma 90 irratti omishamaa jiraachuu fi kanarraas callaan kuntaalli miliyoona 3.3 ni argama jedhamee kan eegamu ta’uun himameera.

Bara dhufus misooma garbuu biiraa kana babal’isuuf hojjetama jiras jedhan.

Paarkii Indaastirii Boolee Lammii waggaatti biqila biiraa meetirik toonii kuma 60 oomishuun warshaalee biyya keessaaf dhiheessuun, garbuu biqila biiraa oomishuuf ooluu biyya alaatii galfamaa ture hambisuun akka danda’ame himamuu TOI gabaseera.

Fuulduraatti gabaa alaatiif dhiheesuuf karoorfamee hojjetamaa jirachuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.