Fana: At a Speed of Life!

Birrii Biiliyoonni 27 deeggarsa boba’aaf ooluun ibsame

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Deeggarsi boba’aa taasifamuu erga eegalee hanga Mudde 19, 2016tti Birrii biiliyoonni 27 deeggarsaaf baasii ta’uu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise.

Baatiiwwan ja’an darbanitti, Naaftaa Adii meetirik tooniin miiliyoona 1 fi kuma 151 fi 769 alarraa fichisiifamuu Hojii Raawwachiistuun Kominikeeshinii fi Quunnamtii Ummataa Abbaa Taayitichaa Baqqalach Kumaa dubbataniiru.

Dabalataan Beenzilli meetirik toonii kuma 426 fi 113 ol biyya keessatti geejjibsiifamuu himaniiru.

Deeggarsa boba’aan walqabatee konkolaattoonni deeggarsa argataanii hawaasa sirnaan, taarifa kaa’ameen tajaajilaa akka hinjirre rakkooleen kan mul’atan ta’uu ibsaniiru.

Hawaasa birattis gatii taarifaa beekanii mirga isaanii kabachiisuu fi wayita rakkoon mudatutti qaamaa dhimmichi ilaallatuuf eeruu kennuu dhabuun akka jiru ibsaniiru.

Yohaannis Darriboowutu gabase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.