Fana: At a Speed of Life!

Niwuyoork qofti namoota vaayrasi koroonaan qabaachun biyyoota hunda caalte

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Niwuyoork qofti namoota vaayrasi koroonaan qabaachun biyyoota hunda caalte.

Ragaan reefu bahan akka agarsiisanitti Ameerikaatti kutaan biyya Niwuyoork biyyoota kamiyyuu caalaa namoota vaayrasi koroonaan qabaman hedduu qabaachuun dursummaa fudhatte.

Kamisa kaleessaa namoonni haaraa qabaman 10,000’n dabalamuun waliigalatti namootni qabaman gara 159,937 guddachuun biyyoota akka Ispeen (153,000) fi Xaaliyaanii (143,000) dursite.

Ta’us, lakkoofsa namoota vaayirasichaan du’anii biyyoota lamaanu gadi ta’e galmeessifte.

Vaayirasichi kan jalqaba keessatti argame Chaayinaatti namoota vaayirasichaan qabaman 82,000 turan.

Guutummaa Ameerikaatti namoonni vaayirasichaan qabaman 462,000 yoo ta’an, lakkoofsi namoota du’anii 16,500 tti dhiyaaatera.

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamaniis saffisaan dabalaa bula.

Ammaa addunyaarratti namoonni miliyoona 1.6 vaayrasi koroonaan qabamuun, namoonni 95,000 ta’an vaayirasichaan du’an.

Niwuyorkitti namoonni 7,000 vaayrasi koroonaan du’an.

Biyyoota weerarri kun gaaga’ama lubbuu qaqqabsiise Ispeenitti namoota 15,500 tu lubbuu dhabe, Xaaliyaanittimmoo lubbuu namoota 18,000 galaafate.

Chaayinaan lubbuu namoota 3,300 vaayrasii kanaan dhabdeetti.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.