Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Sosochii Kontiroobaandii fi daldala Seeraan alaa ittisuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC)- Waltajjiin sosochii kontiroobaandii fi daldala seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf dandeessisu Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti qondaaltoonni olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo argamaniiru.

Koomiishinarri Koomiishinii Gumrukaa Dabalee Qaabataan hasaawa taasisaniin, miidhaan daldala seeraan alaa fi kontirobaandiin qaqqabaa jiru bal’aa ta’uu eeruun, rakkicha furuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Koomiishinichi kontirobaandii fi daldala seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuus eeruu ragaan Koomishinicharra argame ni mul’isa.

Waljjichi dhaabbilee gidduutti hojimaataa qindaawaa jiru cimsuuf gahee olaanaa akka qabaatu hubachiisaniiru.

Kontirobaandiin sirna daldalaa ammayyeessuu, galii hanqisuu fi invastimantii dadhabsiisuun biyyarratti rakkoo dachaa akka hordofsiisu ibsaniiru.

Rakkocha furuufis dhaabbilee ittigaafatamni seeraa kennamee fi hawaasni hunduu gahee gama isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.