Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eel nagaan akka kabajamuuf qophii gahaan taasifameera-Humna Waloo

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC)- Ayyaanni Waggaa Qullubbii Gabre’eel nagaan akka kabajamuuf qophii gahaan taasifamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa beeksise.

Humnichi Waloo ibsa miidiyaaleef ergeen akka beeksisetti, Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti kan kabajamu ayyaanni waggaa Qullubbii Gabireel nagaan akka kabajamuuf qophii gahaan taasifameera.

Ayyaanichi Mudde 19, 2016 kan kabajamuu fi nagaan kaajamaee akka xumuramuuf Humni Waloo Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa bulchiinsa naannichaa, abbootii amantaa fi hawaasa waliin ta’uun qophii gahaa taasisuun hojiitti seenuu beeksiseera.

Hawaasni naannawichaas hirmaattoota ayyaanichaaf dursa kennuun aadaa keessummaa simachuu baratame akka taasisan gaafateera.

Hirmaattonnii fi hawaasni dhimmoota nageenyaaf yaaddoo ta’an wayita argutti qaamolee nageenyaa naannwichaatti argamuuf eeruu kennuun tumsa barbaachisaa akka taasisu humnichi waloo waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.