Fana: At a Speed of Life!

Saa’udiin dhimma lammiilee mana hidhaa jiraaniirratti waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu beeksiste

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC)- Lammiilee seeraan ala daangaa ce’uun Saa’ud Arabiyaa seenanii fi mana hidhaa keessa jiran ilaalchisee waloon hojjechuuf fedhii qabaachuu Ministirri Bulchiinsa Biyyattii Abdullaaziiz Biin Sa’udii Biin Naayfi beeksisan.

Ministirri biyyatti Saa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Leencoo Baatii waliin mari’ataniiru.

Abdullaaziiz Biin Sa’udii Biin Naayfi maricharratti Itiyoophiyaa fi Saa’ud Arabiyaan michummaa seena qabeessaa fi hariiroo jabaa kan qaban ta’uu kaasaniiru.

Hariiroo daldalaa, barnootaa fi walitti hidhamiinsa naannawaarra darbee Saa’ud Arabiyaan lammiilee Itiyoophiyaaf carraa hojii kennite cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

Akkasumas, dhimma lammiilee seeraan ala Saa’ud Arabiyaa seenanii fi mana hidhaa keessatti argaman irratti waloon hojjechuuf fedhii qabaachuus himaniiru.

Ambaasaaddar Leencoo Baatiin gama isaaniin, hariiroo gam lameenii biyyoota lameen gidduutti fooyya’aa dhufe dinqisiifataniiru.

Fuuldurattis dhimmoota lammiileerra darbee dameewwwan walta’iinaan waloon hojjechuun fedhii Itiyoophiyaa akka ta’e fi dhimmicharratti bal’inaan mari’achuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.