Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 345tti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Muddee 5 – 11, 2016tti Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 345tti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf turan Birrii miiliyoon 173.5 baasanii fi gara biyya alaatti ba’uuf sochiirra turan Birrii miiliyyona 171.8 baasaan Dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibseera.

Uffataaleen, Meeshaaleen elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, Jimaa, meeshaaleen faayaa, Baalli sammuu adoochu, qaamni jijjiirraa konkolaataa, Zayinni nyaataa fi maallaqoonni biyyoota adda addaa kanneen to’ataman keessaa isaan jajjaboo ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Dhimmichaan walqabatee shakkamtoonni13 fi konkolaattoonni 8 to’annoo jala ooluun qoratamaa jiraachuu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.