Fana: At a Speed of Life!

Seenaa keessatti yeroo jalqabaaf misoomni Qamadii bonaa kan gannaa caaleera – Pir. Shimallis

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Seenaa keessatti yeroo jalqabaaf misoomni Qamadii bonaa kan gannaa caaluu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Hojiin qamadii irratti raawwannu wabii nyaata biyyaa mirkaneessuurra darbe dhimma birmadummaa biyyaatiin wal qabatudha jedhan.

Kanaaf qamadii alaa galchuu keessaa bahuuf qofa osoo hin taanee, ofirraa hafnee alatti erguu dirqama ta’uu barree jallisiin qamadii omishuu eegallerra jechuun ibsaniiru.

Omishni qamadii jallisii waggoota 4 dura yaaliif lafa hektaara kuma 7 qofaan jalqabne Bara kana ammoo uwwisa lafa bara darbee dachaa oliin dabaluun lafa hektaar miiliyoona. 2.6 oliin gahuuf karoorri qabanne milkaa’eera jedhan.

Lafa omisha bonaatiin facaasuu dandeenyu mara hanga jalqaba baatii Amajjiitti jabaannee yoo uwwisne karoora qabannee ol milkeessuu akka dandeenyu hojiin godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti hojjetamaa jiru agarsiistuudha.

Walumaagalatti, omisha qamadii gannaafi bonaa hektaara miiliyoona 5 oliin gahuun danda’ameera.

Dabalataaniis, hojiilee qonna magaalaa godinichaa kan daawwanne yoota’u, gama kanaanis cimnee yoo hojjenne abdii guddaa qabnu kan itti mirkaneeffanneedha jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.