Fana: At a Speed of Life!

Nageenya hawaasaa eeguun hojii ijoo qaamolee nageenyaa ta’uu qaba – Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Hoggantoonni Qaamolee nageenyaa Magaalaa Bishooftuu fi Mojoorraa walitti babba’an dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirratti marii taasiisaniiru.

Nageenya hawaasaa eeguun hojii ijoo qaamolee nageenyaa hundaa ta’uu akka qabu Ajaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan maricharratti argamuun yaada kennaniin ibsaniiru.

Ummanni nagaan ba’ee akka galuuf nageenya waaressuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Nageenyaa amansiisaan ala misoomnii fi guddinni hin yaadamu jedhan.

Qaamoleen nageenyaa amanamummaa fi murannoon ergama isaanii raawwachuu akka qaban hubachiisuu DhPI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.