Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Shimallisiin durfamu Aanaa Lumeetti Qamadii Jallisii Bonaan misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumeetti Qamadii Jallisii Bonaan misoomaa jiru daawwateera.

Hojiin Qamadii Jallisiin Bonaan misoomsuu waggaa 4 dura lafa hektaara kuma 7 irratti eegalame bara kana lafa hektaara miiliyoona 2.5 ga’uu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

Bara kana lafa hektaara miiliyoona 2.6 misoomsuuf karoorfamee hanga ammaattis lafti hektaarri miiliyoonni 2.5 qophaa’uu eeraniiru.

Lafa qotame keessaa hanga amaatti lafti hektaarri miiliyoonni 2.3 sanyiin uwwifamuu dubbataniiru.

Bara oomishaa kanaan Misooma Qamadii Jallisii Bonaan callaa kuntaala miiliyoona 105 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.