Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti bara kana Qamadii lafa hektaara 350 ol facaasuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri 264 faca’uu ibsame

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Godina Shawaa Bahaatti bara kana Qamadii jallisiin lafa hektaara 350 ol facaasuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri 264 faca uu Waajjirri Qonnaa godichaa beeksiise.

Qamadii jallisii misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 14.5 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Lafa misooma qamadiitiif ta’u hunda adda baasuun irratti hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Masfin Tashoomaan ibsaniiru.

Bara kana Qamadiin aanaalee Godina Shawaa 11 keessatti jallisiin misoomaa jiraachuu dubbataniiru.

Bara darbe lafa hektaara 200 ol misoomsuun callaa Qamadii kuntaala miiliyoonni 8 ol argamuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni maallaqa Birrii biiliyoona 8 kusatan gara qonna Makaanayizeshiniitti akka ce’aniif hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Bahayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.