Fana: At a Speed of Life!

Jallisii Boneen lafti hektaarri miiliyoona 2 ol qamadiin uwwifameera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti jallisii Boneen lafti hektaarri miiliyoona 2.27 qamadiin uwwifameera jedhan Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Karoorri omishaa fi oomishtummaa qamadii dabaluun, karoorri imala badhaadhinaa qabame milka’aa jiraachuu Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Bara kana Jallisii Boneetiin lafa hektaara miiliyoona 2.6 irratti qamadii misoomsuuf hojii eegalamuu ibsanii, hanga ammaattis lafti hektaarri miiliyoona 2.5 ol kan qotameera jedhan.

Lafa hanga ammatti qotame keessaas keessaa hektaarri miiliyoona 2.2 ol qamadiin uwwifamuu eeraniiru.

Misoomaa jallisii bonee kanaan callaan kuntaalli miiliyoona 105.8 ol ni argamaan kan eeggamu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.