Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Lafa Oromiyaa fi Bulchiinsi Nageenyaa Odeefannoo waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Biiroon Lafa Oromiyaa fi Bulchiinsi Nageenya Odeefannoo waliigaltee waliin hojjechuuf dandeessisu mallatteessaniiru.

Waliigaltichis hojmaata itti fayyadama lafaa saffisiisu hojiirra oolchuu fi yeroo yeroon hojii ammayyeessuu fi suphaa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Waliigaltichas Hogganaan Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Guutaa Lachooree fi Daayrektaarri Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaan mallatteessaniiru.

Wayita waliigaltichaatti Obbo Guutaa Lachooreen, hojiilee itti fayyadama lafaa ammayyeessuu fi gara dijitaalaatti jijjiiruuf waggoottan 13’n darban qaamoolee garagaraan qorannoon taasifamaa turuu yaadachiisan.

Kanaan walqabatee ragaalee faffaca’anii argaman qindeessuun bulchiinsaa lafaa karooraan hogganuu, to’achuu fi tajaajila si’ataa kennuuf sirna dandeessisu diriirsuuf waliigalteen mallatteeffame karoora qabamee hojiitti hiikuuf kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Obbo Solomoon Sookaan gama isaaniin, lafti qabeenya dimshaashaa ta’uu kaasanii, sirnaan yoo hinhogganamne madda walitti bu’iinsa faayidaa akka ta’uu eeraniiru.

Ragaa qabeenya lafaa teeknooloojiin deeggaruu fi karooraan hogganamuu akka qabu ibsaniiru.

Waliigalteen Biiroo Lafa Oromiyaa waliin mallatteeffames, sirnoota kaadaastaraa fi gi’oo’ispaashaalii fayyadamuun bulchiinsa lafaa gara dijitaalaatti jijjiiruu, ammayyeessuu, eegumsa nageenya ragaalee fi leenjii garagaraa ogeeyyiif kennuu kan hammate ta’uun ibsuu ragaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoorraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.