Fana: At a Speed of Life!

Marii biyyaalessaaf dhimmoonni xiyyeeffannoo barbaadan yeroon akka xumuraman hunduu tumsu qaba-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Marii Biyyaleessaaf dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan adda baasuun yeroo qabametti akka xumuramuuf qooda fudhattoonni hundi deeggarsa taasisuu akka qaban Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon ibsan.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Dimookiraasii raawwii Marii biyyaleessarratti daawwannaa taasisee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf gabaasa dhiyeeseera.

Gabaasichi bakka Afyaa’iin Mana Marichaa Obbo Taaggasaa Caafoo, Hoggantoonni Miidiyaalee fi Komishinaaronni Koomishinii Marii Biyyalessaa argamanitti dhiyaateera.

Obbo Taggaasaa Caafoon, mariin biyyaalessaaf dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan adda baasuu danda’uu fi yeroo qabameetti akka xumuramuuf qooda fudhattoonni tumsa taasisuu akka qaban ibsuu ragaan mana maricharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.