Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misooma hortiikaalcharii bu’aa argamsiisaa jira-Dooktar Abiy

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Hojiilee misooma hortiikaalcharii gaggeessuuf tattaaffiin taasifame bu’aa ajaa’ibsiisaa argamsiisaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, oomishalee kuduraa fi muduraa akkasumas omishaalee damee biroo kan hammate karoorri misooma waggoota 10 hojiilee misooma hortiikaalcharii babal’isuuf kan kaayyeffateedha.

Jallisiin kan deeggaramee fi oomishichaan hojiilee misooma hortiikaalcharii gaggeessuuf tattaaffiin taasifame bu’aa ajaa’ibsiisaa argamsiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Argisiistuu bu’aa kanaa keessaas oomishtummaan oomisha Paappayyaarratti mul’ate tokko ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.