Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad dhalattoonni Itiyoophiyaa gara biyyaatti akka deebi’an waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Mudde 13, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad miseensonni diyaaspooraa lammiilee Itiyoophiyaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyyaa alaa jiraatan gara biyyaatti akka deebi’aan waamicha dhiyeessan.

Dooktar Abiy Ahimad qaama Pirojektii Koyishaa kan ta’ee Loojii Faana Arbaa Cabaraa eebisiisaniiru.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaanota miseensota diyaaspooraa biyya alaatti dhalatan Muddee 20, 2016 hanga Fulbaana 20, 2017 marsaa sadiin gara biyya isaanii akka dhufan gaafataniiru.

Marsaan jalqabaa Mudde 20, 2016’tti kan turu mata durtee “Connect to your culture” jedhuun miseensonni diyaaspooraa Ayyaanaa Qille dabalatee aayyaanota biroorratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Marsaan 2ffaa ammoo mata duree “Connect to your history” jedhuun wayita yaa’iin Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamu akka dhufan gaafataniiru.

Marsaa 3ffaan ammoo mata duree “Live your legacy” jedhuun Itiyoophiyaatti waqtii Gannaa eegalee hanga Fulbaana 20, 2017’tti kan turu ta’uu ibsaniiru.

Yeroo kanatti miseensonni diyaaspoora gara Itiyoophiyaa dhufan biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiilee biroorratti akka hirmaatan dubbataniiru.

Miseensota diyaaspooraa gara biyya isaanii dhufaniif Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Hoteelonni Itiyoophiyaa hir’isa gatii tajaajilaa akka taasisan himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.