Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti namoonni yakkoota garaagaraan shakkaman kumni 1 ol to’annoo jala oolan

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Oppireeshinii qindoomaa torban tokkoof gaggeeffameen namoonni dhuunfaan yakkoota garaagaraan shakkaman kumni 1 ol to’annoo jala ooluu Poolisiin magaalichaa beeksiise.

Yakkoota hawaasatti yaaddoo ta’an ittisuuf oppireeshiniin qindoomaan gaggeeffamuu ibsameera.

Poolisiin Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee waloon Oppireeshinii addaa gaggeessaa turuu eereera.

Kanaanis shakkamtoonni karaa qindaa’een yakka garaagaraa raawwachaa turan to’atamuu himeera.

Namoonni dhuunfaan kuma 1 ol ta’an to’atamuu fi qabeenyi hedduun qabamuu ibsuu EBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.