Fana: At a Speed of Life!

Miseensoonni Shanee kuma 1 fi 500 ol leenjii haaromsaa fudhachuun hawaasatti makaman

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Miseensoonni ABO Shanee harka kennanii fi booji’aman kuma 1 fi 521 gocha raawwachaa turanitti gaabbuun nagaa filachuun leenjii haaroomsaa ji’a lamaaf fudhachaa turan xumuruun ummatatti makamaniiru.

Miseensonni leenjii haroomsaa fudhatan kunneen yakka lubbuu namaa balleessuu, gudeeddii fi qabeenya ummataa mancaasaa turanitti gaabbuun nageenya filatanii mootummaatti harka kennataniiru.

Mootummaan irra deddeebiin waamicha nagaa taasiseti fayyadamuun ummatatti makamuun jireenya idileetti deebi’aa jiraacuun ibsameera.

Miseensoonni ABO Shanee har’a ummataatti makamanis Abbootii Gadaa fulduratti badii raawwataniif uummata dhiifama gaafachuun nageenyaaf waardiyaa dhaabachuun hojii misoomaa keessatti hirmaachuuf waadaa galuun eerameera.

Sirni dhiifamaa fi waadaa galuu duudhaa Oromoon horsofee raawwatameera.

Abbootiin Gadaa sirna dhiifamaa fi waadaa galuu raawwachiinsanis, msieensonni kunneen waadaa galan eeguun safuu ummanni Oromoon qabutti deebi’uun maatii isaanitti makamuun jireenya idilee akka gaggeeffatan dhaamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Miseensoonni ABO Shanee gocha badii isaaniitti gaabbuun nagaa filatanis kanaan dura dogoggoraan badii ummataa fi biyyarratti raawwachaa turaniif dhiifama gaafachuu himaniiru.

Ammaan booda rakkoo nageenyaa Naannoo Oromiyaa keessatti uumamuuf sababa osoo hinta’in, qaama nageenya ummata keenyaa booreessurratti ummataa fi qaamoota nageenyaa waliin ta’uun qabsaa’uuf qophiidha jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.