Fana: At a Speed of Life!

Lammii Itiyoophiyaa Heelikooftara hojjete

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Abbee Laggasaa kan dhalatee guddate Naannoo Tigraay Shiree Indasilaaseetti.

Abbeen ijoollumma isaan heesamiirraa balali’an wayita argu ajaa’ibamuu fi fedhiin xiyyaara hojjechuu keessa isaatti dagaagaa dhufuu ibsa.

Manneen barnootaattis gumii kalaqaa keessatti hirmaachuun hojiilee elektirooniksiif xiyyeeffannaa kennuu FBC’f ibseera.

Muuxannoo hojilee elektirooniksii qabu gabbifachuuf hojiilee suphaa raadiyoo fi televiizhinii, maashinaa meeshaalee faayaa fi hojiilee kalaqaa rakkoo furan biroo hojjechuu eegaluu ibsa.

Hojiilee kanneen cinaattis ijoolummaa isaan kan abju’atee fi fedhiin keessa isaatti dagaagaa kan dhufeef heelikooftara hojjechuuf kutannoon tattaaffii eegale.

Haaluma kanaan heelikooftra yeroo jalqabaaf meeshaalee naannawaarra argateen hojjechuuf yaalii taasisuu fi muuxannoo argachuu eereera.

Itti fufuun Helikooftara nama qabatee socho’u danda’u hojjechuuf yaaduun, miiraa haaraan hojii eegaleen, wantoota heelikooftaricha hojjchuuf dandeessisu galteewwan akka mootaraa, alumiiniyamii fi kanneen biroo guuttachuun hojichaaf yaalii jalqabaa taasise.

Yaaliin isaa milkaa’uu baatus abdii utuu hinkutatiin fooyyessee hojjechuuf murteessuun yeroo gabaabaa keessatti galtee fooyya’aa fayyadamuun heelikooftra yaade hojjechuu dubbateera.

Xiyyaara yeroo 6ffaaf hojjetes daqiiqaa 3’f samii keessa balali’uu akka danda’uu hima.

Haaluma kanaan dhiyeenya dorgommii kalaqa teeknooloojii Abbaan taayitaa Aviyeeshinii Itiyoophiyaa qopheesserratti 1ffaa ba’uun badhaafamuu dubbata.

Helikooftarichaas, mootaraan alatti meeshaalee biyya keessaa argaterraa akka hojjete kan himu Abbeen, balaa ibiddaa, ittisaa hoomaa Awwaannisaa, bashannanaaf, tajaajila ambulaansii fi kanneen biroof kan oolu ta’uu eereera.

Fuuldurattis heelikooftara hojjete kana fooyyessuu fi hojiilee rakkoo furan irratti hirmaachuuf Humni Qilleensaas deeggarsa akka taasisuuf waadaa galuufi eereera.

Akkasumaas pirojekticha babal’isuu fi oomishee gabaaf dhiyeessuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu deeggarsa akka taasisaniif gaafateera.

Batsaloot Mangashaa fi Malaakuu Gaddifiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.