Fana: At a Speed of Life!

Jilli Afyaa’ii Paarlaamaa Jibuutiin durfamu Itiyoophyaa daawwachaa jira

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Jilli Afyaa’ii Paarlaamaa Jibuutii Dileeraa Mahaammadiin durfamu Itiyoophyaatti daawwannaa hojii taasisaa jira.

Jilichi kaleessa galgalaa Finfinnee Buuufata Xiyyaaraa idil Adduunyaa Boolee wayita ga’utti, Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon simannaan taasifameera.

Jilichi Obbo Taaggasaa Caafoo fi hoggantootaa mana marichaa biroo waliin mari’achaa jira.

Jibuutiitti Ambaasaaddarri Itiyoophyaa Birhaanuu Tsaggaayeen akka ibsanitti, qondaaltonni olaanoo Jibuutii daawwannaan Itiyoophiyaatti taasisan hariiroo biyyoota lameen gidduu daran cimsuuf gumaacha olaanaa qaba.

Akkasumaas hariiroo siyaasaa, diinagdee fi dippilomaasii ummataa fi ummtaa sadarkaa caaluutti ceesisuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Jilichi turtii guyyoota sadiif Itiyoophiyaatti taasisuun daawwannaa hojiilee misoomaa, waltajjiiwwan muuxannoo waljijjiirraa akka taasisuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.