Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen konkolaataa Laadaa omishuu fi warshaluuf dandeessisu mallatteeffame

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Raashiyaa oomishaa konkolaataa Laadaa fi Itiyoo Injiinaraiingi Giruuppi Ityoophiyaatti konkolaattootaa omishuu fi warshaluuf kan dandeessisu waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltichas Hoji Raawwachiisaan Itiyoo Injiinaringi Giruuppi Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoo fi Pireezidaantii Ittaanaa Daldalaa Ala, Gurgurtaa fi Gabaa Laadaa Iliyaa Saavinoov mallatteessaniiru.

Sirna waliigaltichaarratti Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoon, abbootiin qabeenyaa keessumaa damee albuudaa, qindeessaa omishaalee qonnaa fi teeknooloojiin hojii invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessanii, deeggarsa barbaachisaas akka taasisan waadaa galaniiru.

Bu’uura waliigaltichaan Itiyoo Injinaringi Giruppiin oomishaalee Laadaa hinxumuramne hojii warshaaluu kan eegalamu yoo ta’u, fuuldurattis galteewwan fichisiisuun konkolaattota gabaaf kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru.

Iliyaa Saavinoov gama isaaniin akka jedhanitti dhaabbileen Raashiyaa hedduun Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantirratti bobba’uuf fedhi argisiisaa jiru.

Fooramiin Bizinasii Itiyoo-Raashiyaa iftaan kan gaggeeffamu ta’uu eeranii, kunis hariiroo invastimantii biyyoota lameen gidduu cimsuuf kan tumsu ta’u akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.