Fana: At a Speed of Life!

Doonii qarqaraa Liibiyaattii dhidhimteen lubbuun godaantota 60 darbe

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)- Dooniin Godaantota qabattee imalaa turte naannawaa qarqara Liibiyaatti dhidhimuun lubbuun godaantota 60 darbuu Dhaabbanni Godaantota Idil-Addunyaa (IOM) beeksise.

Doonittiin Liibiyaa Magaalaa Zuwaaraati yeroo kaatu namoota 86 feetee turuu kanneen balicharraa lubbuun hafan ibsaniiru.

Kanneen balicharraa lubbuun hafan 25 bakka turtii Liibiyaatti argamutti dabarfamuun wal’aansa fayyaa argataa jiraachuun himameera.

Danbalii galaanaa doonii raaseen godaantonni 61, daa’imman dabalatee achi buuteen isaanii dhabamuu fi lubbuun isaanii darbuu akka hin oollee ibsuu BBC’n gabaaseera.

Liibiyaan godaantota Galaana Mediteraaniyaaniin qaxxaamuruun Awurooppaa seenuuf carraaqaniif bakka ka’umsaa ijoo ta’uun kan beekamuudha.

Bara Faranjootaa 2023 qofa godaantonni kuma 2 fi 200 galaana qaxxaamuruuf osoo yaalanii dhidhimuu Dooniin lubbuun isaanii akka darbu tilmaamama.

Kun ammoo Galaana Mediteraaniyaa karra godaantotaa hamaa ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.