Fana: At a Speed of Life!

Yaadannoo Atileet Abbabaa Biqilaaf dorgommiin Maaraatoonii walakkaa Jaappaanitti gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)-Yaadannoo gooticha Atileet Abbabaa Biqilaaf dorgommiin Maaraatoonii walakkaa Jaappaan Magaalaa Kaasaamaatti gaggeeffameera.

Dorgommicharratti namoonnii Kuma 1 fi 600 ol hirmaataniiru.

Jaappaanitti Ergamaan Addaa fi Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dhaabaa Dabaleen dorgommicha wayita jalqabsiisanitti, dorgommiiwwan akkanaa hariiroo biyyoota lameenii waggoota dheeraa lakkoofsise daran cimsuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Mootummaan Jaappaan yaadannoo Abbabaa Biqilaaf dorgommicha qopheessuusaafis galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.