Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan nageenya tiraafikaa sadarkaa Oromiyaatti Magaalaa Adaamaatti kabajame

Finfinnee, Mudde 7, 2016 (FBC)-Sadarkaa Oromiyaatti guyyaa nageenya tiraafikaa mata duree “Of eeggannoon waan konkolaachistaniif galata guddaa qabdu” jedhuun Magaalaa Adaamaatti kabajame.

Kabajni guyyichaas walta’iinsa Eejensii Geejjibaa Oromiyaa, Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Adaamaan kan qopha’ee yoo ta’uu, sirnicharratti Hoggannaan Eejensii Geejjibaa Oromiyaa Obbo Daani’eel Chaarinnat, Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee, jiraattota magaalattii fi naannawaa ishee argamaniiru.

Magaalaa Adaamaatti sochii tiraafikaa ammayyeessuuf hojiilee guguddaa hojjetameen bu’aan argamus, ammallee xiyyeeffannoo gaafata jedhan Kaantiibaan Magaalattii Obbo Haayiluu jaldeen.

Komishinarri Ittaanaa Komishinii Poolisiin Oromiyaa Darajjee Baayisaan gama isaaniin, balaan tiraafikaa hawaasa rakkoo hamaaf saaxileera jedhan.

Kana ittisuuf immoo hawaasni akkuma hojiiwwan misooma biroo xiyyeeffannoo kennuun hojjetaa jiru damicharrattis xiyyeeffachuun nageenya tiraafikaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Hogganaan Eejensii Geejjibaa Oromiyaa Obbo Chaarinnat Baqqalaas, rakkoo balaa tiraafikaa biyyaattiitti mudatan maqaan gaarii biyyattii hir’isa jedhan.

Balaa kana ittisuuf xiyyeeffannoo fi hubannoo hawaasaa cimsuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.