Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Magaalaa Finfinnee wixinee dambii riifoomii Bulchiinsafi Misooma Lafaa magaalichaa irratti murtoo dabarse

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) – Kaabineen Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 7ffaa waggaa 3ffaa gaggeesseen wixinee dambii riifoomii Bulchiinsafi Misooma Lafaa magaalichaa irratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Dambichi riifoormii kenna tajaajilaa, humna namaafi hojimaataa kan dabalatu jedhame.

Lafa magaalaa qaaliifi xiqqaa ta’e sirnaan hogganuufi rakkoolee hojimaataa kana dura mul’achaa turan kan furu jedhameera.

Ogeeyyii ga’umsa qabaniin, hojimaata ammayyaawaan haammattoo seeraa malaammaltummaa ittisuu danda’uu qoratee Kaabineen magaalaa Finfinnee namuusa sirriin akka hojiirra oolu murteesseera.

Akkasumas Mana Kitaabaa Abrihootiifi Gola Hambaan Adwaa Zeeroo Zeeroo hammattoo seeraa walfakkaataan akka bulan sagalee guutuun murteessuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.