Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Waldaalee Hojii Gamtaa kabajame

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Guyyaan Waldaalee Hojii Gamtaa Magaalaa Adaamaatti kabajameera.

Guyyicha sababeeffachuun waltajjiin marii gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Obbo Abdurraahmaan Abdallaa dabalatee, qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru.

Akka Itiyoophiyaatti namoonni miiliyoona 28.5 miseensa waldaalee hojii gamtaa ta’uu fi kaappitaalli waldaalee kanneenii Birrii biiliyoona 48 ol ta’uun waltajjicharratti eerameera.

Guddina waldaalee hojii gamataaf hirmaannaan miseensotaa xiqqaa ta’uu, rakkoo bulchiinsaa fi gaggeessummaa akkasumas hanqinni teknooloojii qormaatilee ijoo ta’uu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.