Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bunni kuntaalli miiliyoona 7 ol walitti qabame-BQO

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti hanga ammatti omishni Bunaa kuntaallii miiliyoonni 7.26 walitti qabamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Barana Buna kuntaala miiliyoona 12 walitti qabuuf karoorfame keessaa hanga ammatti bunni kuntaalli miiliyoonni 7.26 walitti qabamuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaammadsaani Amiin ibsaniiru.

Bara darbee Bunni kuntaalli miiliyoonni 10.3 walitti qabamuu eeruun, bara buna kuntaala miiliyoona 12 walitti qabuuf hojjetamaa jira jedhan.

Faddaaltota Buna seeraan alaa daddabarsan to’achuufis qaamoolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti Qonnaan bultoonni miiliyoona 2.3 misooma qonna bunarratti hirmaachaa jiraachuu dubbachuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.