Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Naannichaa murtoo garaagaraa dabarse

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Kaabineen Mootummaa Naannoo Hararrii dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni Maricha Warshaa Misooma Daabboo fi Daakuu naannicha akka haaraatti hundeessuuf dambii dhiyaaterratti mari’achuun raggaasiseera.

Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badriin, mootummaan hojiilee msioomaa nama irratti xiyyeeffatanirratti hojjechuun fayyadamumaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dambichi kutaalee hawaasa galii gadi aanaa argatan fayyadamoo kan taasisu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Warshaan Daakuu fi Daabboo Waajjira Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon hundeffamuun isaa ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.