Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa hojiirra oolmaa Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 350 taasise

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)- Baankiin Addunyaa hojiirra oolmaa Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 350 taasiseera.

Hoji Gaggeessaa Pirojektii Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Obbo Yoodaahee Zamikaa’eel FBC’f akka ibsanitti, waraqaan eenyummaa dijitaalawaan hojmaata dhaabbilee kenniinsa tajaajila ammayyeessuu fi dijitaalessuuf gumaacha olaanaa qaba.

Waraqaa eenyummaa dijitaalawaa sadarkaa biyyaalessaatti hojiirraa oolchuuf Waajjirri Ministira Muummee fi dhaabbileen biroo walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Baankiin Addunyaa hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa dijitaalawaaf kan oolu Doolaara miiliyoona 350 taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsichis sadarkaa biyyaalessaatti lammiileen miiliyoona 90 ta’an waraqaa eenyummaa dijitaalawaa akka argatan kan tumsu ta’uu fi deeggarsi taasifames waggoota shan keessatti akka hojiirraa oolu himaniiru.

Waraqaan eeyummaa dijitaalawaan guddina diinagdeef gahee olaanaa akka qabu, tajaajiloota kennaman irratti hojmaata iftoominaa fi itti gaafatama qabu akka diriirifamuu kan taaisuu, tajaajilli saffisaan akka jiraatuufis ni gumaacha jedhan.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.