Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Pireezidaantii Koree Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Pireezidaantii Koree Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa Maariyaanaa Ispaalyaariichi waliin mari’ataniiru.

Marii Siwiizarlaandi Jeeneevaatti gaggeeffamerratti hariiroo jiru cimsuu haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Dabalataan, korichi Itiyoophyaatti deeggarsi namoomaa taasisaa jiru murteessa ta’uu kaasanii, deeggarsichis cimee akka itti fufu Obbo Dammaqaan gaafataniiru.

Itiyoophiyaatti nageenya mirkaneessuu fi hojiilee deebisanii ijaaruu hojjtaramaa jiranirratti Obbo Dammaqaan ibsa kennuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantiin Korichaa Maariyaanaa Ispaalyaariich gama isaaniin, dhaabbanni isaanii Itiyoophiyaatti tumsi namoomaa taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.