Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti konfiraansiin misoomaa fi nageenya gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Godina Arsii Aanaa Shirkaatti Konfiraansiin misoomaa fi nageenyaa gaggeffame.

Konfiraansicharratti Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi Itti Gaafatamaan Waajjira Milishaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bunnoo argamaniiru.

Obbo Awwaluu Abdii aarsaa qabsoo ilmaan Oromoo qaaliin bu’aa waggaa 150’n booda argame gufachiisuuf kan socho’an ABO-Shanee fi fiinxaaleeyyii irratti tarkaanfiin eegalame itti fufa jedhan.

Hawaasnis nageenya naannawaa isaa eeggachuun misoomni eegalame akka itti fufuuf qaamolee nageenyaa waliin walta’iinsaan hojjachuu akka qabu dhaamaniiru.

Kutaaleen hawaasaa konfiransicharratti hirmaatanis nageenyaa isaanii mirkaneessuuf qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun akka hojjetan dubbachuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.