Fana: At a Speed of Life!

Intarpiraayiziin Daandiiwwan Kaffaltii Itiyoophiyaa fooyyessa taarifaa taasise

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Intarpiraayiziin Daandiiwwan Kaffaltii Itiyoophiyaa daandilee bulchu Finfinnee-Adaamaa, Dirree Dhawaa-Daawwaalee fi Mojoo-Baatuu irratti Mudde 3, 2016 irraa eegalee fooyyessa taarifaa taasisuu beeksiseera.

Haaluma kanaan daandii saffisaa Finfinnee-Adaamaa fi Mojoo Baatuu fooyyessa taarifaa %31 kan taasifame yoo ta’u, Daandii saffisaa Dirree Dhawaa-Daawwaalee %42 dabaluu eerameera.

Daandileen saffisaa Finfinnee-Adaamaa fi Mojoo-Baatuu daandilee sadarkaa tajaajila daandiilee saffisaa qaban waan ta’eef, tilmaama taarifaa walfakkaataan kan hogganaman ta’uunis ibsameera.

Daandii saffisaa Dirree Dhawaa-Daawwaaleen konkolaattoonni miila sadii taarifaa Birrii 10 kaffalaa turan, itti gaafataamaa hawaasummaa dhaabbatichi bahatuun giddugaleeffachuun hawaasni baasii gatii geejjibaa olaanaaf akka hinsaaxilamneef taarifni duraanii akkuma jirutti kan itti fufu ta’uu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.