Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannicha humnoota hidhataniif waamicha taasise

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)-Mootummaan Naannoo Amaaraa hidhatoonni naannicha keessa socho’aan guyyoota torba keessatti karaa nagaan mootummaatti akka harka kennatan waamicha dhiyeesse.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannichaa Dooktar Mangashaa Fantahuun ibsa kennaniin humni hidhate rakkoo nageenyaa uumuun naannichatti gaaga’ama namoomaa fi qabeenyaa qaqqabsiisaa jira.

Mootummaan labsii yeroo ariifachiisaa labsuun, tattaaffii waloo Raayyaan Ittisaa Biyyaa fi Qaamoleen nageenyaa naannichaa taasisaniin haga ammaatti nageenyi naannichaa fooyya’aa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan karoorri diigumsaa humni hidhate mootummaa fi ummata irratti karoorfate fashalaa’aa jira jedhaniiru.

Ajaja waliigalaa labsii yeroo ariifachiisaa mootummaan naannichaa waliin mari’achuun gaaga’ama dabalataa hir’isuu fi rakkoo nageenya karaa waaraan furuuf carraan marii nageenya akka uumamu murteesseera.

Haaluma kanaan humni karaa seeraan alaa hidhate qindeessa Komaandi Poostii naannawwaa isaa jiruu fi jaarsolii biyyaatti harka akka laatu murtaa’uu ibsaniiru.

Qondaaltonni godinaalee fi aanaalee humna hidhatanii karaa nagaa harka kennatan simachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Humnoonni waamicha nagaa fudhatanii harka kennaan leenjii barbaachisaa ta’e fudhachuun gara jireenya idilee isaaniitti akka deebi’aniif tumsi barbaachisu ni taasifama jedhaniiru.

Warra waamicha nagaa diduun gocha seeraan alaatti fufan irrattis tarkaanfiin olantummaa seera kabachiisuu eegalame kan itti fufu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.