Fana: At a Speed of Life!

Malaammaltummaan Diina Waloo Keenyaa Waan Ta’eef Gamtaan Irratti Qabsaa’uu Qabna-BKO

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC)-Malaammaltummaan diina waloo keenyaa waan ta’eef gamtaan irratti qabsaa’uu qabna jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuufi hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu irratti tarkaanfiin eegalame cimee kan itti fufuun ta’uu hubachiiseera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Malaammaltummaan danqaa guddina dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa ta’uun dhiibbaa guguddaa geessisaa jira.

Yakkii malaammaltummaa daangaa biyyootaa kan qaxxaamuruufi dhiibbaan geessisus hamaa ta’uu isaatiin Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Addunyaa 190 waliigaltee waloo mallatteessuun tarsiimoo yakkoonni malaammaltummaa ittiin qolatamu hojii irra oolchaniiru.

Kanaanis biyyoonni tokko tokko qabsoo farra malaammaltummaa gaggeessaniin milkaa’aa kan jiran yoo ta’u biyyoonni hedduun garuu ammayyuu qormaata malaammaltummaatiin muddamaa jiru.

Biyyi keenya Itoophiyaan waggoota kurnan lamaan darbe waliigalticha mallatteessuun hojiirra kan oolchite yoo ta’u malaammaltummaa ittisuufi too’achuun waliigaltee sadarkaa Idil-Addunyaatti taasifame mirkaneessuu, qabeenya malaammaltummaan saamame deebisiisuufi qabsoo farra malaammaltummaa cimsuuf hojiiwwan garaa garaa hojjetamaa jiraatus yakkoonni malaammaltummaa yaaddoo biyyaa ta’uun itti fufeera.

Malaammaltoonni tasgabbii dhabuu biyyi keenya yeroo dheeraaf keessa turte, cabiinsa naamusaa dhaloonni keessa seeneefi xiyyeeffannoon hojichaaf kenname laafaa ta’uu hordofee hanni bu’uura hawaasummaa akka qabatu taasiseera.

Kanaaf ilaalchi hamaan kan gaafa muudame hin nyaanne gaafa bu’u gaabba jedhu barmaatilee badaa yakkoonni malaammaltummaa hawaasa keessatti akka babal’ataniif bu’uura kan buusedha.

Mootummaan Naannoo keenyaas ta’e akka biyyaatti waggaa darbe irraa eegalee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun hattootatti luugamni akka kaa’amuuf murteessee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Tarkaanfilee naannoo keenyaatti barii jijjiiramaatii eegaluun hanga bara 2015-tti fudhatameen galmeewwan 2,663 ta’an irratti murtiin kan kenname yoo ta’u kanaanis qabeenyi qisaasame qarshiin biliyoona tokkoofi miliyoona 355 ol akkasumas lafti kaare meetira 1,887,159.71 akka akka deebi’u taasifameera. Kana malees, qarshii 3,380,440,389fi lafti kaare meetira 2,735,578.50 akka dhorkamu ta’ee qoratamaa jira. Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuufi hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu irratti tarkaanfiin eegalame cimee itti fufa. Mootummaan hojmaata badaafi hanna duudhaa uummataa cabsee hanga birmadummaa biyyaa miidhuutti aggaammii taasisaa jiru akkuma diina waraanutti waraanaa jira.

Kana malees, qorattoonni hojii qorannoo isaaniitiin saaxiluu, dhaabbileen barnootaa dhaloota malaammaltoota baachuu hin dandeenye ijaaruun, hojjettoonni mootummaa rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuufi kenna tajaajilaa amanamummaan fooyyeessuu, dhaabbileen Haqaa Haqa uummataatiif hojjechuufi muudamtoonni siyaasaa imaanaa uummanni itti kennateef amanamuun qabsoo farra malaammaltummaa saffisiisee biyya jaalannu akka ijaarru taasisa.

Qabsoon kunis cancala guduunfaa hattoonni harka dhoksaa lafa jalaatiin fo’an salphaatti cicciree olaantummaan seeraa akka kabajamuuf haala mijeessa. Kun ammoo qabsoo obsa fixachiisaa daangaa hanga daangaatti uummata hirmaachise taasisuun malaammaltoonni akka tufamaniifi qabeenyi biyyaas akka baraaramu taasisa.

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa; hanni hidda gad fageeffachuun duudhaafi safuu uummataa diigee diinagdee biyyaa kan miidhu qofa osoo hin taane tajaajila mootummaan tolaan uummataaf diriirse gatiin akka bitatu taasisa, rakkoo nageenyaafi okkora garaa garaa uumee biyya tasgabbii dhorkuun waraana keessa tursa, wal amantaa hir’isee garaa garummaa bal’isuun hawaasummaa jidduutti sanyii diinummaa kan facaasuufi sirna diimokiraasii quucarsuun birmadummaa biyyaa gaaffii keessa galcha.

Gocha badaa akkasiif uummanni keenya araarama tokko malee itti fufiinsaan qabsaa’uu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas yakkoota malaammaltummaa hundeerraa maksuuf dhaabbilee ciccimoo ijaaruun hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu, qabsoo uummataa jabeessuufi dhaloonni duudhaa ganamaa akka baratuuf barnoota safuu hojii irra oolcheera. Dhaloonni safuu beeku hanna ciiga’a. Ofii isaaf osoo hin taane biyyaaf dursa kennee birmadummaa biyyaa cimsuun sirna dimokiraasii jabeessee imala badhaadhinaa milkeessa.

Ergama guddicha kana milkeessuufis halkaniifi guyyaa harka wal qabannee hojjechuu qabna.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa guyyaa farra malaammaltummaa bara kanaa wayiita kabajnu malaammaltummaan diina waloo keenyaa ta’uu hubannee gamtaadhaan irratti qabsaa’uu akka eegalluufi egeree biyyaatiif ammoo dhaloota barnoota safuutiin ijaarame akka itti guddifnu waamicha keenya dhiyeessa.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Mudde, 2016
Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.