Fana: At a Speed of Life!

Bara Faranjootaa 2024 keessa deeggarsi namoomaa Doolaara biiliyoona 46tu barbaachisa – DhMG

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) – Bara Faranjootaa 2024 keessa deeggarsi namoomaaf Doolaarri biiliyoonni 46n kan barbaachisu ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Walitti bu’iinsaa fi buqqaatii dabalaa jiru hordofee bara itti aanu kana keessa Doolaarri biiliyoonni 46 deeggarsa namoomaaf kan barbaachisu ta’uu eereera.

Lammiilee Filisxeem, Sudaanii fi Yuukreen miiliyoonaan lakkaawamaniif dhiyeessiin deeggarsa namoomaa kan isaan barbaachisu ta’uu hubachiiseera.

Bara 2024 keessa sababa walitti bu’iinsaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaan balaa mudatu waliin walqabatee namoonni miiliyoona 300tti hiiqan deeggarsa namoomaa kan barbaadaan ta’uu Dhaabbatichatti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota namoomaa ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.