Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa Maree Biyyaalessaa milkeessuuf Koreen Gorsituu Marii Biyyaalessaa gahee olaanaa bahachuu qaba

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC)- Adeemsa Maree Biyyaalessaa milkeessuuf fi waliigalteen taasifamu hojiirra akka ooluuf Koreen Gorsituu Maree Biyyaalessaa gahee olaanaa bahachuu akka qabu Komishiiniin Marii Biyyaalessaa hubachiise.

Waltajjiin marii Koree Gorsituu Komishiinii Marii Biyyaalessaa geggeeffamuu jalqabeera.

Waltajjicharratti Komishinarri Komishiinii Marii Biyyaalessaa Malaakuu Waldamaariyaam akka ibsanitti, marii biyyaalessaarratti garaagarummaaf sababa bu’uuraa adda baasuun mariin bal’aa gaggeessuuf hojjetamaa jira.

Sadarkaa biyyaalessaatti waliigalteerra ga’uun kaayyoon biyya ceesisuu akka milkaa’uu akkasuma adeemsi marichaa hirmaachisaa fi hammataa akka ta’u komishiinichi xiyyeeffannoon hojjechaa jirachuu eeraniiru.

Adeemsi marichaa milkaa’aa akka ta’uu fi waliigalteen uumamu hojiirra oolchuuf Koreen Gorsituu hundaa’uun hojjechaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Hanga ammaatti hojiilee koreen Gorsituu hojjetee fi xiyyeeffannoo fuulduraa irratti mari’achuuf waltajjichi kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.