Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsitti waltajjiin marii nageenyaa Godinoota ollaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Godina Arsitti waltajjiin marii nageenyaa Godinoota ollaa bakka pireezidaantiin Ittaanaa naannoo oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii rgamanitti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Bulchitoonni Godinaalee fi Aanaalee akkasumas hoggantoonni nageenyaa godinaalee ollaa Godina Arsii hirmaataniiru.

Obbo Awwaluu Abdii akka jedhanitti, nageenya ollaa walii eeguun, waltumsuun barbaachisaadha.

Keessattuu, Aanaalee rakkoon nageenyaa mul’atutti nageenya mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuun murteessa ta’uu kaasniiru.

Hirmaattonni marichas nageenya aanaalee, godinaa fi ollaa isaanii mirkaneessuuf yeroo kamuu caalaa kutannoo kan qaban ta’uu eeraniiru.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.