Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Konistiraakshinii Oromiyaa jalqabaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)-Fooramiin konistiraakshinii Oromiyaa yeroo jalqabaaf Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaafii Waldaa Kontraaktaroota Oromiyaatiin qophaa’e gaggeeffameera.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa Injiinar Naatinaa’eel Geetaahuun abbootiin qabeenyaa ijaarsa irratti bobba’an guddina biyya utubuu keessatti gaheen olaanaa kan qaban ta’uu kaasaniiru.

Guddina biyyaa keessatti gumaachaa damee ijaarsaa milkeessuufis rakkoolee mudatan hiikuuf fooramiin kun barbaachisaa ta’uu himan.

Rakkoolee dhiyeessii ijaarsaa mudatan karaa furuun danda’amurrati waliin hojjechuu fi karaa iftoomina mari’achuun barbaachisaa ta’uu Injinar Naatinaa’el dubbatanii jiru.

Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Itiyoophiyaa Injiinar Masfiin Nagawoon gama isaaniin, hudhaalee gama ijaarsaan mudatan furuuf fooramichan kallattiin furmaataa kan kaa’amu ta’uus himaniiru.

Omishaalee galtee ijaarsaaf ta’an biyya keessatti omishuun akkaataa danda’amu irratti xiyyeeffachuun murteessaa ta’uus kaasaniiru.

Abbootii qabeenyaa damee ijaarsa irratti bobba’an kalaqoota biyya jijjiiranirratti xiyyeeffachuu akka qaba akeekaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.