Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti garaagarummaan yaadaa diinummaa akka hintaane irra deddeebiin itti yaaduun barbaachisaadha-Pireezidaantii FDRI

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaatti garaagarummaan yaadaa diinummaa akka hintaane irra deddeebiin itti yaaduun barbaachisaadha jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen.

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudee kabaja guyyaa Sabaaf Sablammoota fi Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaa Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigatti kabajama jirurratti hasaawaa taasisaniin, akka biyyaatti itti fufuuf tokkumma sabdanessuummaan alaatti filannoon akka hinjirre eeran.

Kabajni guyyicha saboonni fi sablammoonni aadaa isaanii waliif akka qoodanii fi beeksisaniif kan gargaaruudha jedhan.

Qormaata biyya mudatu walta’iinsaan qolachuun, biyya jaallannuu fi ummatoota keenyaa rakkoo keessaa baasuu qabnas jedhaniiru.

Garaagarummaarra tokkummaa, walkabajuu fi walqixxummaa, walitti bu’iisarra waldanda’uu falmii yaadaaf dursa kennuun tokkummaa cimsuun bu’uura cimaa irratti ijaaruun akka barbachisus kaasaniiru.

Ilaalchi sanyummarratti xiyyeeffate yeroo ammaa mul’acha jiraachuu eeruun, kunis Itiyoophiyummaa xiqqeessuu akka ta’e hubachuu qabna jedhan.

Walitti bu’iinsi wayita uumamu marii hirmaachisaa ta’ee gaggeessuun furuun akka barbachisu Pireezidaanti Saahilawarqi hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.