Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti dhibee daddarboo ittisuuf tattaaffii taasiifamu kan tumsu sagantaan fayyaa gara hojiitti gale

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Naannoo Tigraayitti dhibee daddarboo ittisuuf tattaaffii taasiifamu kan tumsu sagantaan fayyaa gara hojiitti galuu Biiroon Fayyaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksise.

Sagantaa qindaa’aa fayyaa maatiin hojiirra kan oolan uwwisaaleen Ekisteenshinii 16 gara hojii galuun dhibeewwan daddarboo ittisuuf kan gargaaru ta’uu Dursaan garee sagantaa qindaa’aa fayyaa maatii biirichaa Obbo Mikaa’eel Hagos ibsaniiru.

Sagantichi miseensota misooma fayyaa kuma 45 bifa haaraan gurmeessuu fi Hojjettoonni Ekisteenshinii Fayyaa deeggarsa akka argatan taasiisuun gara hojiitti galamuu dubbataniiru.

Keellawwan fayyaa sababa rakkoo nageenyaan tajaajila dhaabanii turan 58 deebisanii ijaaruuf sochiin eegalamuu Obbo Mikaa’eel eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.