Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa Sabaa fi Sablammootaa Kabajuun sirna federaalaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)- Guyyaa Sabaa fi Sablammoota Ummatootaa Itiyoophiyaa kabajamuun sirna federaalaa fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu Afyaa’iin Mana Maree Federeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar ibsan.

Guyyaan sabaa fi Sablammootaa 18ffaa ilaalchisuun siimpooziyamii biyyaalessaa Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jirurratti Obbo Aganyawu Tashaagara, Itiyoophiyaa biyya sabaa fi sablammootaa, aadaa fi eenyummaan isaanii kabajamee tokkummaan kan keessa jiraatan biyya sabdaneettiidha jedhan.

Guyyichis tokkummaa sabdaneessaa, seenessii biyyaalessummaa haala ijaaruu danda’uun kabajamaa jiraachuu kaasan.

Saba, sablammoonni fi ummatoonni aadaa, eenyummaa, duudhaa isaanii kana isaan biroo barsiisuuf akka tumsuu dubbatan.

Garaagarummaan sabaa fi sablammootaa kabajamee aadaa isaanii fi eenyummaa isaanii akka qoodaniif kan gargaaru ta’uu himan.

Itiyoophiyaa tokkummaan ishee eegame, biyya sabdaneettii fi tasgabbooftuu itti fufsiisuuf hunduu gahee isaa akka bahatu dhaaman.

Nageenya lammiilee mirkaneessuu fi bakka hundaatti socho’anii akka hojjetan xiyyeeffannaan hojjechuun barbachisaa ta’uu kaasaniiru.

Haaluma kanaan nageenya waaraa sabaa fi sablammootaa kabajuu fi tokkummaa biyyaalessaaf walta’iinsan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.