Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan waggoota sadan darban biqiltuuwwan kuma 100 ol Jibuutiif ergite

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan waggoota sadan darban biqiltuuwwan kuma 100 ol Jibuutiif erguu beeksifte.

Itiyoophiyaan karoora biyyoota ollaa waliin misoomuu qabattee hojjechaa jirtuun biqiltuuwwan kanneen Jibuutiif erguu ishee Kantiibaan Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Jawaar ibsaniiru.

Gama bulchiinsa magaalichaan marsaa 3 Jibuutiif Biqiltuuwwan kumni 100 ol ergamuu dubbataniiru.

Akkaatuma biqiltuuwwan kuma 240 Jibuutiif arguuf waadaan galameen hojiin biqiltuu qaqqabsiisuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaarraa argame ni mul’isa.

Biyyoota ollaa hojii misoomaan walitti hidhuun hariiroo ummataa caalmaatti cimsuuf kan gargaaru ta’uu Obbo Kadir himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.