Fana: At a Speed of Life!

Baga ayyaana Itiyoophiyummaatiin isin gahe – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa sabaaf sablammootaa 18ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Baga ayyaana Itiyoophiyummaatiin isin gahe jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Guyyaan sabaa, sablammootaafi uummattootaa Itoophiyaa yeroo 18ffaaf yaada ijoo “Danummaafi walqixxummaa tokkummaa biyyaaf” jedhuun magaalaa guddoo Somaalee, Jigjigaatti kabajamaa jira.

Akkuma yaadnisaa ijoon agarsiisutti ayyaanni kun ayyaana Itoophiyummaati.

Itiyoophiyummaa jechuun eenyummaa biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaa irratti hundaa’e giddugala godhate waan ta’eef.

Itoophiyummaan gamtokkoon danummaa sabaafi sablammootaa kan fudhatu; gama biraatiin ammoo tokkummaa cimaa danummaa kana waltaasisee qabeefi baroota keessa darbee dhufetu jira jedhee kan amanudha.

Ayyaanni kun seenessa biyyaalessummaa tokkummaa sabdaneessummaa irratti hundaa’e kan itti ijaarru akka ta’en amana.
Biyyaalessummaan, seenessa qeentee biyya qoqqooduufi dadhabsiisuuf tolfame keessaa daandii iittiin baanudha.

Seenaa siyaasaa keenyarra seenaa hawaasummaa keenya
guddisnee mul’suudhaan, kaleessarra carraawwaniifi hojiiwwan keenya har’aafi borii irraatti hundoofnee, seenessa hundarra caalu kan hawaasa siyaasaafi dinagdee tokkoo sirna heera mootummaarra dhaabbate hundeessuuf kan dandeessisudha.

Ka’umsiifi abbaan seenessa biyyaalessaa sabaafi sablammootadha.

Yaadnisaa sabaafi sablammoonni Itoophiyaa gidiraafi qorumsi utuu addaan isaan hin baasiin carraa waloo egereesaaniif jecha aarsaa tokkummaadhaan kanfalan cimsuu kaayyeffatee kan ka’edha.

Uummanni Itoophiyaa hin ijaarree, kan Itoophiyaaf gatii hinbaafne hin jiru.

Sabaafi sablammoonni hundi Itoophiyaa ijaaraniifi gatii ittibaasan keessa haqummaa, walqixxummaafi bilisummaadhaan jiraachuufis mirga qabu. Itoophiyaa kadhaarraa baraaruufi bu’ura badhaadhinaa kaa’uufis dirqama qabu.

Seenessi biyyaalessummaa seenessa walittiqabaa danummaafi tokkummaa giddugala godhatedha.

Itiyoophiyummaa baraan jiraatuufi hundumaa walittiqabu ijaaruu kan dandeenyu karaa seenessa biyyaalessaatiinidha.

Wayita ayyaanicha kabajnu yaada garaa akkasiitiin kabajna jedheen amana. Naannoon Somaalee ayyanicha qopheesse galateeffatamuu qaba.

Ayyaana gaarii haa ta’u!

Itiyoophiyaan tattaffii ijolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee bara baraan haa jiraattu!!

Uumaan Itoophiyaafi uummatashee haa eebbisu!

Sadaasa 28/ 2016

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.