Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Habtaamuu Ittafaan Ministira Misooma Waaraa fi Inarjii Morokoo waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa 28ffaa Dhabbata Motummoota Gamtomaniirratti hirmaachaa kan jiran Ministirri Ministeeraa Bishaanii fi Inarjii Habtaamuu Ittafaan Ministira Misooma Waaraa fi Inarjii Morokoo Dooktar Lee’ilaa Beenaalii waliin mari’atan.

Mariin ministiroota lameenii misooma humna haareffamaarratti waloon hojjechuu fi muuxannoo waljijjiiruurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Injiinar Habtaamuu Ittafaan biyyoonni lameen hariiroo yeroo dheeraa lakkoofsise kan qaban ta’uu kaasanii, mootummaan Morookoos Inistitiyuutii Teeknooloojii fi Bishaanii Itiyoophiyaaf deeggarsa ijaarsa dandeettii taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Akkasumas abbootiin qabeenyaa Morookoo humna haareffamaarratti muuxannoo qaban Itiyoophiyaaf akka qoodanii fi damichaan hojii invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.